Photo by Leah Newhouse on <a href="https://www.pexels.com/photo/pilot-in-cockpit-flying-plane-12128384/" rel="nofollow">Pexels.com</a>
Atoomiin hagam xiqqaa akka ta’e tilmaamuu nidandees . Atoomoonni suudoowwan baay’ee xixiqqoodha.

BARNOOTA SAAYIINSII WALIGAALAA KUTAA8FFAA
Suudoowwan kunniin wantoota sammuu keenyatti baay’ee xixiqqoodha jennee yaadnu kam irraayyuu xixiqqoodha. Fakkeenyaaf, atoomoonni koopparii 100,000 000 walcinaa yoo hiriirfaman sarara 1cm dheeratu uumu. Kanarraa ka’uun atoomiin hagam xiqqaa akka ta’e tilmaamuun ni danda’ama. Wantoonni addunyaa kana irratti argaman martinuu suudoowwan xixiqqoo kanneen irraa ijaaraman.
2.2.3. Hanga sadhaatawaa, chaarjiifi argama suudoowwan cita AtoomaawaaAtoomiin elektiroonii, pirootoniifi niwutiroonii of keessaa qaba. Suudoowwan cita atoomii kunneen amaloota mataa isaanii qabu.Elektiroonii: Suudoon kun sheelii keessatti kan argamuufi niwukilasiitti kan marsuu dha.
SAAYIINSII WALIGAALAA KUTAA8FFAA
haarjiin isaa neegaativii dha. Chaarjiin sadhaatawaan elektiroonii -1 dha. Chaarjiin elektiroonii kun koloombiin -1.602×10-19 dha. Hangi elektiroonii giraamaan 9.11×10-28 yummuu ta’u, yuuniitii hanga atoomaawaan (YHA) 0.00055 dha.Pirootoonii: Pirootooniin niwukilasii keessatti argama. Chaarjiin isaa poozatiiviidha. Kunis koloombiin yommuu safaramu 1.602 × 10-19 dha. Chaarjiin sadhaatawaan isaa immoo +1 dha.
Yaadota Airstotiliifi Dimokiraatas keessaa kamiin deeggartu? Maaliif? Yaada kanneen lamaan keessaa kan deeggartan erga adda baafattanii booda, yaada deeggartan sana yaaliin agarsiisuun barattoota dareef dhiheessaa.
Adeemsa yaalichaa keessatti, wantoota naannoo keessan jiru fakkeenyaaf (waraqaa yookiin aluminiyemii haphii fudhachuun walakkaatti kutuu dandeessu, walakicha immoo kurmaanatti akkasumas kurmaanicha bakka saddeetitti. Akka kanaan aluminiyeemii yookiin waraqaa kana itti fuftanii yeroo hin murtoofneef cittuu caalaatti xiqqoo ta’an uumaa itti fufuu waan dandeessan isinitti fakkaataa?
Deebiin keessan, Lakkii moo Eeyyee dha?Akka yaada Dimookiraatasitti wanta tokko fudhannee itti fufiinsaan yoo kukkunne yookiin caccabsine, dhuma irratti suudoo qeenxee daran hiramuu hin dandeenyetu arganna kan jedhu ture.
Jecha gara biraatiin, wantoonni suudoowwan xixiqqoo irraa ijaaraman jechuudha. Kanaafuu, maatariin ciccitoodha kan jedhuudha. Dimokiraatas suudoo qeenxee daran gargar hin hiramne kana atoomii jedhee moggaase.
Atoomiin jecha Giriikii “Atoomas” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, hiikni isaas suudoo suudoota isaa gadii xixiqqoo ta’an kan biraatti daran hin hiramne jechuudha. Dimokiraatas atoomoonni suudoo duudaa kantara, caaseeffama keessoo hin qabneefi kan gidduu isaanii bakki duwwaan yookiin vaakiiyumiin jiru jechuun ibseera.
Akka amantaa Dimookiraatasitti, wantoonni hundinuu suudoo xiqqaa isa dhumaa of keessaa qabu.Wantoota yoo kukkunne, itti fuffiinsaan kukkutuun kan danda’amu suudoo xiqqaa isa dhumaa kana bira amma ga’amutti qofa.
Aristootil immoo wantoota walitti fufiinsaan yoo ciccirre, hiruun kun daangaa malee ittuma fufa. Suudoo qeenxee xiqqoon irra ga’amu tasumaa hinjiru. Kanaafuu, maatariin walitti fufaa yookiin kan walirraa hin ciccinneedha kan jedhu ture. Maatarii gidduu bakki duwwaan tasumaa hin jiru; maatariin walitti fufaadha.
- Kanaafuu, amma dhuma hin qabnetti hiramuu yookiin ciccituu danda’a jedhu dhiheessuun mormaa ture. Yeroo sanatti Aristootil dhageettii olaanaa waan qabuuf, yaadni Dimokiraatasii akka fudhatama hin arganne dhiibbaa irratti geessiseera. Yeroo Dimokiraatasiin
Discover more from Jemsmaths Tech
Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Good work