{"remix_data":[],"remix_entry_point":"challenges","source_tags":["unsplash"],"origin":"unknown","total_draw_time":0,"total_draw_actions":0,"layers_used":0,"brushes_used":0,"photos_added":0,"total_editor_actions":{},"tools_used":{},"is_sticker":false,"edited_since_last_sticker_save":false,"containsFTESticker":false}
Seensa
Seenaa Google – Kutaa 2ffaa.Google har’a search engine qofa osoo hin taane, jireenya namoota biliyoona hedduu keessatti qaama hin addaan baane ta’eera.

Guddina Google, Tajaajiloota Isaa fi Jijjiirama Addunyaa DijitaalaaKutaa 1ffaa keessatti jalqaba Google ilaalleerra. Kutaa 2ffaa kana keessatti immoo akkamitti Google guddate, tajaajiloota addaddaa kalaqe fi addunyaa dijitaalaa irratti dhiibbaa guddaa fide bal’inaan ibsina.
1. Guddina Google Booddee Hundeeffama Isaa
- Bara 1998tti Google gara suuqii seene.
- Yeroo sanatti search engine hedduun turan; garuu Google wanta adda ta’e qaba ture:Deebii barbaacha sirrii fi qulqulluuSaffisa olaanaaFuula hin barbaachisne balleessuuKun hundi fayyadamtoota harkisuun, Google saffisaan akka guddate taasise.
- Waggoota muraasa keessatti:Fayyadamtoonni miliyoona irraa gara biliyoonaatti dabalanGoogle dhaabbata daldalaa guddaa ta’eAddunyaa odeeffannoo akka galma tokkotti walitti fide
2. Google Ads (AdWords Durii) fi Madda Galii Google
Bara 2000tti Google AdWords (amma Google Ads) jalqabe. Kun jijjiirama guddaa fide.
Google Ads maali?
Google Ads tajaajila beeksisa online dha. Namni:Jechoota murtaa’an (keywords) filataBeeksisa isaa search irratti akka mul’atu godhaNamni yoo cuqaase, kaffaltii xiqqaa kaffalaFaayidaa isaaGoogleef madda galii guddaa ta’eDhaabbilee online akka guddataniif gargaareDaldala dijitaalaa addunyaa jijjiireHar’a galiin Google baay’een isaa Google Ads irraa dhufa.
3. Tajaajiloota Guguddoo Google
- Google tajaajiloota hedduu kalaqee fayyadamtootaaf bilisa taasise.
- Gmail (2004) Gmail:Imeelii bilisaaKuusaa (storage) guddaaNageenya olaanaakennuun, tajaajila imeelii addunyaa keessatti duraa ta’e.
- Google Maps Google Maps:Daandii fi teessoo addunyaa guutuuNavigation yeroo dhugaaTajaajila imalairratti jijjiirama fide. Konkolaachisaan, imaltoonni fi daldaltoonni isa hin dhiisne.
Google Drive
Google Drive:Faayiloota kuusuuOnline irraa argachuuNamoota waliin qooduuakka salphatu godheera. Barnoota fi hojiidhaaf faayidaa guddaa qaba
YouTube (2006)
Bara 2006tti Google YouTube bite. Kun murtii seenaa qabeessa ture.YouTube:Viidiyoo addunyaa guutuuBarnootaBashannanaCarraa hojii (YouTubers)uumeera.
Android
Seenaa Google – Kutaa 2ffaa.Android sirna bilbiloota harkaa addunyaa keessatti isa baay’inaan fayyadaman dha. Google Android fayyadamuun:Smartphone salphaa uumeApp development babal’iseTeknolojii hundaaf banuu (open-source) godhe
Google fi Barnoota Dijitaalaa
- Google barnoota online babal’isuuf tajaajiloota akka:
- Google Classroom
- Google Meet
- Google Docs, Sheets, Slidesdhiyeesse.Kunniin:
- Barattoota
- Barsiisota
- Manneen barnootaaakka online itti hojjatan godhan.
Discover more from Jemsmaths Tech
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
