Caasaa Sirna Maashaa Namaa. Sirni maashaa sirna sochii guutuu nafaa, kutaa nafaa, yookiin dhangala’oo nafaa (fakkeenyaaf, kan akka dhiigaa) ujummoolee isaanii keessa akka socho’an kan taasisuudha. Akkasumas, maashaaleen hargansuu raawwachuufi nyaata ujummoo nyaataa keessa sochoosuuf ga’ee ol’aanaa qabu.
Qaama keenya gara gubbaatti maashaalee garagaraa gogaan uwwifamantu agramu
Isanis maashaalee fuulaa, maashaalee qomaa, maashaalee irree harkaa, maashaalee lukaafi kan kana fakkaataniidha.
Amaloota addaa seelota maashaamaashaa sochiif isaan gargaaru qaban adda baasaa.
Tishuuleen maashaa seelota qaqal’atanii dheeratan Faayibaroota Maashaa jedhaman irraa ijaaraman. https://jemsmaths.dev
Faayibaroonni maashaa bu’uuraa caasaafi dalagaa maashaati. Faayibaroonni maashaa seeloota biroo irraa amala addaa sochiif ooluu danda’u qabu. Amalli addaa kunis dandeettii kottoonfachuufi diriiruu qabaachuu isaaniiti. Sababni dandeettii kanaa immoo caasaa maayoofilaamentii jedhamu seelii keessaa qabaachuudha.

Gosoota maashaa Caasaaleefi dalagaalee isaanii irratti hundaa’uun maashaaleen bakka sadiitti qoodamu. Isaanis 1. Maashaa injichaa (maashaa lafee)
1. Maashaa Injichaa (maashaa lafee)
Maashaaleen injichaa maashaalee lafeewwan irratti tishuu ribuutiin hidhamanii argamu. Kanaaf maashaa lafeejedhamuunis waamamu.
Maashaaleen kun kottoonfachuufi diriiruun
sochii qaamaa uumuu keessatti gahee olaanaa qabu. Dalagaa isaanii kana too’annaa yookiin fedhii keenyaan. waan raawwataniif maashaalee fedhii jedhamu. Irree harkaa isa gara gadii oliifi gadi sochoosuun kottoonfachuufidiriiruu maashaalee duraafi duuba irree olii irratti ta’u hubadhu.
2. Maashaa Saffaa (Maashaa Lallaafoo) Maashaaleen saffaa dhaaba keessoo ujummoolee nyaataa, dhiigaafi caasaalee keessoo biroo uwwisanii argamaniidha. Maashaaleen kunniin kottoonfachuufidiriiruun wantoota ujummoolee kanniin keessa jiran akka socho’an yookiin yaa’an taasisu.Caasaa Sirna Maashaa Namaa
Dalagaan isaanii kun immoo too’annaa keenyaan alatti waan raawwatamuuf maashaalee fedhii malee jedhamu. Maashaaleen saffaa lafeewwan wajjiin wal-hidhata hin qabaatan. Walfakkeenyaafi garaagarummaa maashaa
Maashaa onnee Maashaan kun maashaa fedhii malee yommuu ta’u, dhaaba onnee irratti qofa kan argamuudha. Dalagaan isaas onneen kottoonfachuufi diriiruun dhiiga akka raabsu gochuudha. Hanga namni lubbuun jirutti maashaan onnee dadhabbinaafi boqonnaa malee yeroo hundaa hojjata.Caasaa Sirna Maashaa Namaa
Wal-fakkeenyaafi garaagarummaa Hiika Jechootaa Maashaa: tishuu qaamaa kottoonfachuufi diriiruun sochiilee guutummaa nafaa, kutaaleefi dhangala’oowwan nafaa uumuudha. Ribuu: tishuu wal-qabsiistuu lafeefi maashaa walitti hidhuudha.
Dalagaalee Waliigalaa Maashaa
Akka waliigalaatti maashaaleen dalagaalee armaan gadii raawwatu.Sochiilee qaamaa guutuufi sochii qabiiyyeewwan qaama keessaa gaggeessu.Fakkeenyaaf, maashaalee injichaafi maashaalee saffaa.
2. Dhaabbii qaamaa eeguu:
sirni maashaafi lafee waliin ta’uun qaamni utubamee boca uumamaa isaa akka eeggatu taasisu. Fakkeenyaaf, maashaalee injichaa. Dhahannaa onnee gargaaruu. Fakkeenyaaf, maashaa onnee.
4. Teempireechara qaamaa too’achuu maashaaleen keessattuu maashaan injichaa adeemsa gubama soorataa keessatti hoo’a guddaa omiisha. Hamma hoo’aa qaamni omiishu keessaa naannoo 85% ta’u kottoonfannaa maashaalee injichaatiin omiishama. Yeroo qorraas maashaaleen tooftaa hollachuutiin hoo’i akka uumamu godhu.
Dhukkuboota gurguddoo yookiin qindoomina dhabuu sirna.
maashaa namaafi miidhaa isaanii. Dhukkuboota maashaalee miidhan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti1. Qindoomina dhabuu maashaalee garee dhukkubootaa dhaalaan daddarbu ta’ee, adeemsa keessatti tarkaanfachuu, liqimsuufi qindoomina dhabuu maashaalee fida.
Dandeettii kottoonfannaa maashaalee dhabamsiisa.
2. Dadhabbii maashaa hojii cimaa ariitiifi boqonnaa malee. yeroo hojjannu qaamni wantoota xuraawaafi summaawoo maashaa dadhabsiisuu danda’u omisha.
Haa ta’u malee qaamni boqonnaa gahaa yoo argate xuraawaa kana ni dhabamsiisa.3. Wal-harkisuu maashaa (Muscle strain)- miidhama maashaa sababa garmalee harkifamuu yookiin tasa hammaan dhiifamuu irraa mudatuudha.
Discover more from Jemsmaths Tech
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
